Jump to content

Lerransa

Wikipedia irraa
?Lerransa

odeeffannoo saayinsaawaa
mootummaa: Bineeldoota
Murna: Lafee qabeeyyii
Gita: Hoosiftoota
Tartiiba: Sooratto Foonii
Warra: Bashurreyyii(Felidae)
Qaccee: Deeroowwan (Panthera)
Sanyii: Deeroowwan leencoo♂ dhiiraa

× Deeroowwan qeerrensaa♀ dhalaa

Lerransa (Afaan Ingiliziin:Liger)uumama leenca kormaatii fi qeerransa dhaltuu irraa argamuudha. maqaa isaa jechoota Leencafi Qerrensa jedhu walitti fiduudhaan, Lerransa jedhanii itti moggaasan.

Lerransi Sanyiiwwan Adurree bosona keessa jiraatan jidduu isa guddaa dha. Leencaa fi Qeerransi qubsuma garagaraa keessa waan jiraataniif, bosona keessatti uumama Lerransa kana argachuun hin danda’amu. Bineensa kana Booroo Binoo (paarkii) qofa keessatti arganna.  Gogaa isaa irraa rifeensa keelloo gara gurraachatti dhihaatu kan qabu yoo ta’u, dabalataan bifa haadhaa sarara barru gogaa irraa qaba. Warri dhiiraa ammoo akkuma leencaa morma isaanii irraa rifeensa guddaa areeda fakkaatu qabu. Haa ta’u malee kormaan hundi rifeensa kana hin qaban. Gariin isaanii akkuma dhaltuu rifeensa ofirraa hin qaban.

Bara durii ardii eeshiyaa keessa Leencaa fi Qeerransi hedduminaan jiraataa turan. Kanaafuu Leenci Kormaan qubsuma qeerransaa keessa seenuudhaan walqunnamtii wal hormaataa raawwatuun salphaa ture. Amma garuu haalli kun jijjiiramee jira. Eeshiyaa keessatti lakkoofsi leencaa akkaan gad bu’uu irraa kan ka’e, Booroo Binoo (paarkii) keessatti qofa daangeffamee jira. Gama biraatiin Qeerransi ammoo bosona tuucha’aa keessa qofa jiraataa jira. Leenci ammoo bosona Eeshiyaa gad dhiisee godaanuudhaan gara Afriikaa dhufee jira. Kanaafuu carraan Lerransa bosona keessa jiraachuudhaa akkaan xiqqaadha. Waan kana ta’eef ammaan tana Lerransa kan argamu qubsuma namni qopheesseef qofa keessa ta’ee jira.

Lerransa

Haala jireenyaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Leencaa fi Qeerransi bineensota dachii kana irra jiran keessaa bineensota rahmata hin qabne jedhamuudhaan beekaman. Lerransa garuu isaan lamaan irraa argamus amala isaanii kana hin dhaalle. Namoota isatti dhihaatanitti saffisaan itti dhihaatuu ykn maxaquu danda’a. Leencaa fi Qeerransi garuu ilma namaa wajjiin wal baruudhaaf  yeroo dheeraa turu. Lerransa amala garagaraa haadhaa fi Abbaa isaa irraa dhaalee jira. Fakkeenyaaf Qeerransi bishaan ni jaalata. Akkasumas bishaan keessa daakuu ni danda’a. Faallaa kanaatiin ammoo leenci bishaan akkaan sodaata akkasumas ni jibba. Lerransa garuu waan heddu Abbaa irraa dhaalus bakka bishaanii kanatti haadhaan wal fakkaata. Dabalataan Lerransa akka Leencaa barooduu akkasumas akka qeerransaatti harquu kan danda’u yoo ta’u, baay’inaan garuu ni barooda.

Walhormaata

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Lerransa wal horuu hin danda’u. Akka Harree fi Fardaa; Leencaa fi Qeerransi nagayaan waliin jiraachuu hin danda’an. Kanaafuu ilmi namaa bineesota kanniin eega Booroo Binoo (paarkii) keessatti walitti qabee itti cufeen booda, akka walqunnamtii wal hormaataa raawwatan taasisa. Uumamni kunniin lamaan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf haga waggaa tokkoo waliin turuu qaban. Yeroo dheeraa kana keessatti wal lolaa, walitti bu’aa xumura irratti walitti dhihaatu. Eega wal qunnamtii raawwataniin booda, qeerransi rimaya san guyyoota 100f eega garatti qabattee ilmoolee lamaa haga afurii dhalti. Akkuma uumama adurree kaawwanii,  Lerransais gaafa dhalatu ijaan hin argu. Haga ji’a jahaatis soorataa fi wantoota garagraatiif haadha isaa irratti irkata. Lerransaoonni hedduun isaanii rakkoo waliin dhalatan ykn ammoo hanqina qaamaa waliin dhalatan, kanaafuu hedduun isaanii akkuma dhalataniin du’an.

Sooratni uumama kanaa foon qofa. Hedduminaanis bineensota Qeerransi sooratu irratti xiyyeeffata. Dabalataan Arba Eeshiyaa xixiqqaallee adamsuudhaan ni soorata. Lerransoonni Booroo Binoo (paarkii) keessatti walitti qabaman guyyatti foon kiiloo 10 kan sooratan yoo ta’u, warri bosona keessa jiran lakkoofsaan muraasa ta’anis yeroo takkaan foon kiiloo 45 sooratuu ni danda’u

Bineensi kun hedduminaan Booroo Binoo (paarkii) keessatti waan argamuuf diina hedduu hin qabu. Kanneen bosona keessa jiraatanittis bineensi uggee itti dhihaatu hin jiru. Guddina qaamaa fi jabina waan qabaniif; akkuma leencaa fi qeerransaa bosona keessatti sodaa takka malee jiraatan. Haa ta’u malee Laaygaroonni muraasni bosona keessatti dhalatan kunniin sababa ilma namaatiin heddus bosona keessa turuu hin danda’an. Inni duraa naannoo eeshiyaatti namni bineensa kana ajjeesu akkuma warra leencaa fi qeerransa ajjeesuti sadarkaan guddaan waan isaaf kennamuuf, namuu isa ajjeesuuf carraaqa. Dabalataan ammoo bineensi kun hedduminaan waan hin argamneef, namoonni bineensa kana adamsanii Booroo Binoo (paarkii) keessatti galchuudhaan maallaqa kafalchiisaa nama daaw’achiisuu waan barbaadaniif, bosona keessa jiraachuun Lerransaiif heddu rakkisaa dha.

Uumama kanarraa wanti addaa tokko ni jira. Dhiirri Lerransa irra deebi’e walqunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaan ilmo bakka buusuu hin danda’u, Dhaltuun Lerransa garuu, Leenca wajji ykn ammoo Qeerransa waliin walqunnamtii raawwatuudhaan sanyii ofii bakka buusuu dandeetti. Gaangeen deebitee ilmoo dhaluu hin dandeettu. Dhaltuun Lerransa garuu carraa kana badhaafamtee jirti. Garuu Lerransa kormaan sanyii isaa bakka buufatuu hin danda’u

https://nuuralhudaa.com/27547/