Jump to content

Sibiilloobilummaa (Feerroomaagneetiizimii)

Wikipedia irraa
The printable version is no longer supported and may have rendering errors. Please update your browser bookmarks and please use the default browser print function instead.
Maagneetii alnico, sibiilli feeromaagneetikii irraa hojjetame, eegduu isaa wajjin

Feeromaagneetizimiin ykn Sibiiloobilummaa amaloota meeshaalee murtaa’oo kan akka ayiiranii yoo ta’u, maagneetiitti ciminaan akka harkifaman kan taasisudha. Meeshaaleen kun yeroo dirree maagneetii jirutti illee ofii isaanii maagneetii ta’uu danda’u. Naannoowwan shiifawoo mandhee jedhaman kan qaban yoo ta’u, bakka momeentiin maagneetii itti walsimaniida. Meeshaaleen feeroomaagneetikii erga dirree maagneetii alaa baafamee boodas maagineetoomsa(loobiloomsa) qabatu.  Fakkeenyonni anyiiranii, niikeelii fi koobaaltii ni argamu. Isaanis hojiiwwan akka maagneetii, mootora, fi meeshaalee kuusaa keessatti fayyadamu. Feeromaagneetizimiin kan uumamu makaanikaa kuwantumii ykn hagoo fi momeentii maagneetii meeshaa keessatti argamu gidduu jiru irraati.